Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Peeruu duraanii of ajjeessan

0 372

Finfinnee, Eebila 11, 2011(FBC)-Preezdaantiin Peeruu duraanii Aleen Gaarshiyaa yemmuu aangoo irra turanitti yakka malaammaltummaa hojjetaniiru jedhamanii waan shakkamaniif poolisiin mana isaanii dhaqee yemmuu isaan to’achuuf jedhu rasaasan mataarra of rukkutuun of ajjeessuun isaanii ibsameera.

Preezdaantiin duraanii kan of ajjeessanis mana jireenyaa isaanii kutaa ciisichaa keessatti ta’uu ibsameera.

Oduun du’uu isaanii preezdaantii Peeruu ammaa kan ta’an Maartiin Vizikaariin dhugaa ta’uu mirkanaa’eera.

Preezdaantiin peeruu duraanii Aleen Gaarshiyaa himannaa yakka malaammaltummaan walqabatee irratti dhiyaatu amanuu baatanis, poolisiin biyyyattii garuu dhaabbata ijaarsaa Israa’eel irraa matta’aa fudhataniiru jechuun isaan shakkee himannaa isaanirratti banee ture.

Dhaabbanni ijaarsichaa akka lakkoofsa Faranjootaa 2004 calqabee preezdaantichaaf matta’aa Doolaara miiliyoona 30 kanfaluufii amaneera.

Aleen Gaarshiyaa garuu guyyaa lamaan dura fuula twiiteerii isaaniin dhaabbaticha irraa goonkumaa akka matta’aa hin fudhanne ibsanii turan.

Preezdaant Aleen Gaarshiyaa Peeruu preezdaantummaan si’a lama kan dursan yoo ta’u, akka lakkoofsa Faranjootaa 1985-1990 akkasumas marsaan lammaffaan immoo 2006-2011 walumaagalatti waggaa 10f hogganuun isaanii ni yaadatama.

Maddi; BBC

 

 

 

Comments
Loading...