Fana: At a Speed of Life!

Muummeen ministiraa Maalii aangoo isaanii gadhiisaan

0 794

Finfinnee, Eebila 11, 2011(FBC)-Muummeen ministiraa Maalii Somaayiluu Bobeyee Maayiig aangoo isaanis kan gadhiisaan walitti bu’iinsa ji’a tokkoon dura gosaan walqooduun biyyattii keessatti mudateen walqabatee ta’uu ibsameera.

Ji’a tokkoon dura naannawa Ogosaaguu jedhamutti haleellaa hidhattootaan raawwatameen gosni Fulaanii 160 lubbuun isaanii darbuun ni yaadatama.

Muummeen ministirichaas haleellaa kanaan walqabatee aangoo isaanii gadhiisuu beeksisaniiru.

Preezdaantiin biyyattii Ibraahiim Buubaakar Keeytaa gaaffii aangoo gadhiisuu muummee ministirichaas fudhachuu ibsaniiru.

Muummeen ministirichaa sababa aangoo gadhiisuuf murteessan garuu gadi fageenyaan hin ibsine.

Iddoo isaanii buusuuf muummeen ministiraa biroo akka muudamus ibsameera.

Dabalataanis yeroo gabaabaa keessatti dhaabbilee mormitoota biyyattii hunda hirmaachisuun mootummaa haaraas ni hundeessina jedhaniiru preezdaantichi.

Maddi;CGTN

 

Comments
Loading...