Fana: At a Speed of Life!

Walga’ii mana marichaatin dhimmoota biyyaarratti yaada laachuu jaarmiyaalee tumsaa himan

0 71
Finfinnee, Eebila 9,2011(FBC)- Walga’ii Mana Maree ADWUI irratti hirmaachuun jaarmiyaalee tumsaa dhimmoota biyyaarratti yaada akka laatan isaan gargaaruu himan.
 
Dura taa’aan Liigii Biyyoolessaa Hararii Oordiin Badriin yeroo jalqabaatif walga’icharratti kan hirmaatan ta’uu himanii, marichis demokraatawa akka ture ibsaniiru.
 
Dura taa’aan Paartii Demokraatawa Ummattoota Beenishaanguul Guumz obbo Ashaadlii Hasan gama isaanitiin, jijjiirramni Ityoophiyaatti dhufe jaarmiyaalee tumsaatif carraa gaarii uumera jedhaniiru.
 
Hirmaannaa waltajjichaatin rakkoolee fi kallattii gara fuula duraa hubanneerra jedhaniiru.
 
Jaarmiyaa siyaasaa tokkicha gara fuula duraatti ijaarramuuf kallattii kan kaa’e ta’uus dura taa’onni lamaan ibsaniiru.
Comments
Loading...