Fana: At a Speed of Life!

Tuuristoota alaarraa baatii 9tti Doolaarri biiliyoonni 2.5 ol argameera

0 97
Finfinnee, Eebila 8, 2011(FBC)- Tuuristoota biyya alaa Ityoophiyaa daawwatanirraa baatii 9tti Doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 2.5 ol argameera.
 
Baatii salganitti tuuristoonni biyyoota alaa kumni dhibbi 5 ol keessummeeffamaniiru.
 
Tuuristoota kanneenirraammoo galiin Doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 2.57 sassaabbameera jedhaniiru ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiiruut Kaasaaw.
 
Daawwattoota biyya keessaa dabaluuf hojii hojjetameen, baatii 9tti miiliyoona 23 ga’uun danda’ameera.
Comments
Loading...