Fana: At a Speed of Life!

To’annoon eeyyamaan boodaa osoo hin raawwatamin mirkanni ga’umsaa kennameera

0 88
Finfinnee, Eebila 9, 2011(FBC)- Waggoottan 2n darban to’annoon eeyyamaan boodaa dhaabbilee nyaatan walqabatanii osoo hin raawwatamin mirkanni ga’umsaa kennamuufii odiitiin muul’ise.
 
Adeemsa to’annoo eeyyamaan boodaa osoo hin gaggeessin dhaabbilee 37f mirkanni ga’umsaa kennameera.
 
Koreen dhaabbii dhimmoota to’annoo bulchiinsa baasii mootummaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Abbaan Taayitaa Bulchiinsaa fi To’annoo Nyaata, Dawaa fi Kunuunsa Fayyaa Ityopophiyaa argannoo oodiitichaa gamaaggamaniiru.
 
Dhaabbilee abbaan taayitichaa to’atu 112,000 keessaa kuma 40 kan ta’anirratti oodiitiin gaggeeffameera.
 
Oomishtoota 92 irrattis tarkaanfiin fudhatamuun ibsameera.
Comments
Loading...