Fana: At a Speed of Life!

Oomaar Hasan Albashir gara mana amala sirreessaa eegumsi cimaan godhamuufitti geeffaman

0 1,909

Finfinnee, Eebila 9, 2011(FBC)- Preezdaantiin Sudaan duraanii Oomaar Hasan Albashir gara mana hidhaa eegumsi ol aanaa godhamuuf Mana Amala Sirreessaa Koobaar jedhamuttti geeffaman.

Oomaar Hasan Albashiriif hanga ammaatti mana jireenyaa preezdaantummaa isaanii keessatti eegumsi ol aanaan godhamaafii turuun ibsameera.

Oomaar Hasan Albashir eegumsa ol aanaan qofaa isaanii akka hidhaman ragaaleen ni mul’isu.

Mormii ji’oota hedduuf Sudaan keessatti gaggeeffameen walqabatee Oomaar Hasan Albashir torbee darbe humna waraanaa biyyattiin aangoo irraa buufamuun isaanii ni yaadatama.

Kanaan walqabatee nageenyi isaanii eegamee Oomar Hasan Albashir mana hidhaa keessa akka jiran manni maree cee’umsaa beeksisuun isaa ni yaadatama.

Maddi;BBC

Comments
Loading...