Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa booru muudama ministirootaa ni raggaasisa

0 217
Finfinnee, Eebila 9, 2011(FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idileesaa booru gaggeessun muudama ministirootaa ni raggaasisa jedhameet eegama.
 
Manni marichaa walga’ii idilee 34ffaa bara hojii 4ffaasaa booru ni gaggeessa.
 
Walga’ichaanis muudama ministirootaa gamaaggamee kan raggaasisu ta’uu odeeffannoon mana marichaarraa arganne ni muul’isa.
 
Faanaa Broodkaastiing Koorporeetis odeeffannicha televiizhinii, raadiyoo fi marsariitiin isiniin ga’a.
Comments
Loading...