Fana: At a Speed of Life!

Baayar Muuniik preezdaant Saahilwarqiif uffata ispoortii kenne

0 123

Finfinnee, Eebila 9, 2011(FBC)- Kilabiin kubbaa miillaa Jarman; Baayar Muuniik preezdaant Saahilwarq Zawdeef uffata ispoortii kilabichaa irratti maqaa isaanii barreessuun kenneef.

Ministirri Bulchiinsa Baavaariyaan-preezdaant Maarkees Sooderm preezdaant Saahilwarq Zawdeef uffata ispoortii kilabichaa dugda isaa irratti lakkoofsi 1  fi maqaan preezdaantittii irratti barreeffame kennuufiin ibsameera.

Kilabichi akkaadaamii kubbaa miillaa Afrikaarra  jalqabaa maqaa isaan waamamu  Finfinneetti ni bana jedhameeras.

Wiirtuun leenjii kubbaa miilaa kilabichi Ityoophiyaatti  banus wiirtuuwwan kubbaa miilaa biyyoota birootti bane waliin baay’inni isaa 6 gahuu odeeffannoon Waajjira Preezdaantii irraa arganne ni mul’isa.

Kanaan dura kilabichi Ameerikaa, Chaayinaa, Taaylaand, Jaappaanii fi Singaappooritti wiirtuu leenjii kubbaa miilaa baneera.

 

Comments
Loading...