Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’iinsa Liibiyaatti mudateen lakkoofsi namoota du’anii 121 gahe

0 364

Finfinnee, Eebila 7, 2011(FBC)-Walitti bu’iinsa Liibiyaatti mudateen lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii 121 ga’uu Dhaabbanni Eegumsa Fayyaa Idil Addunyaa ibseera.

Walitti bu’iinsi kunis kan mudate loltoota bulchiinsa muummee ministiraa Faayiiz Al- Siraajiin durfamuu fi loltoota amanamoo Janaraal Kalifaa Hafitaar jidduutti ta’uu ibsameera.

Namoota du’an keessaa sadi yoo xiqqaate ogeeyyii fayyaa fi Dooktaroonni 2 keessatti argamuu ibsameera.

Walitti bu’iinsa kanaanis lammiileen 561 ta’an madaa’aniiru jedhameera.

Marsaa lamaan dawaa, meeshalee yaalaa fi ogeeyyii fayyaa gara iddoo rakkinichi mudatetti erguu Dhaabbanni Eegumsa Fayyaa Idil Addunyaa beeksiseera.

Janaraal Kalifaa Hafitaar akka lakkoofsa Faranjootaa Bitootessa 4, 2019 irraa kaasee magaalaa Triipoolii to’annaa jala oolchuuf duula labsuun isaanii ni yaadatama.

Maddi; CGTN

Comments
Loading...