Fana: At a Speed of Life!

Sudaan miseensota qondaaltota mootummaa duraanii hiite

0 583

Finfinnee, Eebila 7, 2011(FBC)-Manni maree waraanaa Sudaan miseensota qondaaltota mootummaa duraanii hidhee jira.

Manni maree mootummaa ce’umsaa Sudaan humna waraanaan hogganamu kun akka ibsetti mormitoota mormiif bahan immoo bittinsuuf yaada akka hin qabnes ifa taasiseera.

Dubbi himaan mana marichaa kanaa paartileen mormituu fi ummanni biyyattii muummee ministiraa isaaniif ta’u akka filataniif haala manni marichaa kan mijeessu ta’uu dubbataniiru.

Mormiin ji’oottan hedduuf Sudaan keessatti taasifameen walqabatee humni waraanaa biyyattii Kamisa darbe preezdaantii biyyattii waggaa 30f bulchan Oomar Hasan Albashir aangoo irraa kaasuun to’annaa jala oolchuun ni yaadatama.

Haa ta’u malee ammas lammiileen biyyattii hanga mootummaan ummataan filatame aangoo hin qabannetti manatti hin gallu jechuun waajjira raayyaa ittisa biyyattii fuulduratti mormii isaanii dhageesisaa  jiru.

Dubbi himaan mana maree waraanaa Meejar Janaraal Shaamsaddiin Shantoo akka jedhanitti manni maree kuni wanta mootummaan sivilii fi mormitoonni fedhan raawwachuuf qophiidha.

Muummee ministiraas manni marichaa hin muudu muummee ministiraa isaaniif ta’u ummata biyyattii fi mormitootatu filata jechuun ibsaniiru.

Lammiilee mormiirra jiran akka hin bittinsine himuun lammiilee kunneen garuu daandii akka hin cufnee fi jireenya guyyuu isaanii akka eegaluu qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Maddi;BBC

Comments
Loading...