Fana: At a Speed of Life!

Proojaktiin humna dubartoota Afrikaa cimsu ifoome

0 59
Finfinnee, Eebila 7, 2011(FBC)- Koorporeeshiniin Invastimantii Damee Dhuunfaa Biyyoota Alaa proojaktii humna dubartoota Afrikaa cimsu ifoomse.
 
Proojaktichi har’a galma walga’ii Koomiishinii Diinagdee Afrikaatti bakka preezdaant Saahilawarq Zawdee, intalli preezdaantii Ameerikaa Iivaankaa Traamp, preezdaantiin yeroo koorporeeshinichaa Deeviid Boohiijiyaanii fi dubartoonni hoji uumtonni Afrikaa bakka argamanitti ifoomera.
 
Proojaktichi Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibbi 3 fi miiliyoona 50 hojiirra oola.
 
Proojaktiin kun dubartoonni hojii uuman Doolaara biiliyoona 1 akka sassaaban isaan gargaara.
 
Koorporeeshinichi bara Faranjootaa darbe kan hundaa’e yammuu ta’u, dubartoota biyyoota guddinarra jiraniif Doolaara biiliyoona 1 deeggarsaan gumaachera.
Comments
Loading...