Fana: At a Speed of Life!

Namoota rakkoo nageenyaatin miidhamaniif Daseetti dhiigni arjoomamaa jira

0 158
Finfinnee, Eebila 7, 2011(FBC)- Namoota rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa godina addaa Oromoo Walloo fi Shawaa Kaabaatti uumamee tureen miidhamaniif dhiigni arjoomamaa jira.
 
Dargaggoonni magaalaa Kombolchaa kaka’umsa ofiitin dhiiga arjoomaa jiraachuu Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa gabaasera.
 
Sagantaan dhiiga arjoomuu kunis torbee tokkoof kan turu ta’uun ibsameera.
 
Amma ammaattis dhiigni yuuniitiin kumni 5 arjoomamee fayyadamtootaf kennamuusaa Tajaajilli Baankii Dhiigaa Dasee beeksiseera.
 
Torbee 1tti dhiiga yuuniitii kuma 10 sassaabuuf karoorfamuun ibsameera.
 
Comments
Loading...