Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Mana Maree Cee’umsaa Sudaan Ityoophiyaa galaniiru

0 169
Finfinnee, Eebila 7, 2011(FBC)- Miseensonni Mana Maree Cee’umsaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan Ityoophiyaa galaniiru.
 
Jilli mana marichaa Jeneraal Jaalaal Al Daanii Alxaayiibin duurfamu Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee yammuu ga’u ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI aadde Hiiruut Zaamanaan simannaa taasisaniifiru.
 
Yeruma kanas Jeneraal Jaalaal Al Daanii Alxaayiib aadde Hiiruut waliin mari’ataniiru.
 
Raayyaan ittisaa preezdaantii biyyattii duraanii Albashir taayitaarraa kan kaase fedhii lammiilee guutuuf malee taayitaa qabachuuf akka hin taane beeksisaniiru.
 
Ityoophiyaan waan Sudaan keessatti ta’aa jiru dhiyeenyan hordofaa jiraachuu isheetis Jeneraal Jaalaal Al Daanii Alxaayiib dinqisiifataniiru.
 
Jijjiirramni biyyattiitti dhufaa jiru karaa nagayaatin fiixa akka ba’u hojjechaa jirras jedhanii, bulchiinsi siiviilii taayitaatti akka dhufu qooda fudhattoota waliin mari’atamaa jiraanis himaniiru.
 
Aadde Hiiruut jijjiirramichi karaa nagayaatin akka fiixa ba’u Ityoophiyaan ummata Suudaanii fi mana marichaa cinaa ni dhaabbatti jedhaniiru.
Comments
Loading...