Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Sudaan garaagartee isaanii karaa nagayaatin akka hiikan Dr Abiy dhaaman

0 108
Finfinnee, Eebila 7, 2011(FBC)- Lammiileen Sudaan garaagartee isaanii karaa nagayaatin akka hiikan muummee ministirtaa Dooktar Abiy Ahimad waamicha dhiyeessan.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy jijjiirraa mootummaa Sudaanitti taasifame ilaalchisuudhan ergaa dabarsaniiru.
 
Lammiileen biyyattii garaagartee isaanii karaa nagayaatin furuudhan, waliigalteearra ga’uu akka qabanis dhaamaniiru.
 
Mariin qooda fudhattoota mara hirmaachise gaggeeffamuu akka qabus yaadachiisaniiru.
 
Sudaan tokkummaa ishee eeggatte ijaaruuf lammiileen taa’anii mari’achuu akka qabanis dhaamaniiru.
 
Garaagartee kamuu karaa nagayaatin furuu akka qabanis ibsaniiru Dooktar Abiy.
 
Manni Maree Cee’umsaa Raayyaa Ittisaas fedhii ummataa jiddugaleessa godhachuudhan, jijjiirraa taasise dinqisiifataniiru.
Comments
Loading...