Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Jarman waliigaltee wiirtuu gabbisa teeknooloojii ijaarsisu walii mallatteessan

0 70

Finfinnee, Eebila 7, 2011(FBC)-Ityoophiyaa fi Jarman waliigaltee wiirtuu gabbisa teeknooloojii ‘’Istaart Aap’’ jedhamu Ityoophiyaatti  ijaarsisuu dandeesisu walii mallatteessan.

Waliigaltichas gama Ityoophiyaan ministir deettaa Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Shumatee Gizaaw fi gama Jarmaniin immoo dhimmoota misoomaa Baavaariyaan,  itti aanaa ministira misooma Naannolee fi Aanniisaa kan ta’an Roolaand Wigeert waliin walii mallatteessaniiru.

Wiirticha keessattis  Ityoophiyaa fi Jarman teeknooloojii  misoomsuun gara oomishaatti kan jijjiiran ta’uu ibsameera.

Gama innooveeshinii fi teeknooloojiin wiirtichi dargaggoota hojii dhabeeyyiif carraa hojii ni uumaas jedhameera.

Akkasumas wiirticha keessatti  dargaggoonni qorannoo adda addaa taasisuun gama kalaqaan muuxannoo akka argatan ni fayyadas  jedhameera.

Ministeerri  Innooveeshinii fi Teeknooloojii biyyoota teeknooloojiin badhaadhaan waliin carraa hojii gama teeknooloojiin uumuuf waliigalteen hojjechaa jiras jedhameera.

 

 

 

 

Comments
Loading...