Fana: At a Speed of Life!

Ispoortiin utubaa diinagdee Oromoo akka ta’u ni hojjenna- aadde Xayibaa

0 264
Finfinnee, Eebila 7,2011(FBC)- Ispoortiin utubaa diinagdee Oromoo akka ta’uuf tumsaan hojjechuu qabna jedhan aadde Xayibaa Hasan.
 
Itti aantuun preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa fi qindeessituun kilaastara hawaasummaa aadde Xayibaa Hasan kana kan jedhan tapha guutuu Oromiyaa 25ffaa kaleessa istaadiyamii Wallaggaatti banamerratti.
 
Aadde Xayibaan ispoortiin Oromoof aadaa qofa osoo hin taane, utubaa diinagdee akka ta’u ni hojjenna jedhaniiru.
 
Taphni guutuu Oromiyaa 25ffaan kaleessa Dilbata; Eebila 6, 2011 Naqamtetti baname guyyoota 15f adeemsifama.
 
Tapha kana irratti bakka buutonni godinaalee Oromiyaa kumni 4 ol hirmaachaa jiru.
Gosootni dorgommii ispoortii 20 ammoo gosoota spoortii ispoorteessitoonni itti dorgomanidha.
Spoorteessitoota naannoo Oromiyaa ciccimoo adda baasuu, sadarkaa naannon Oromiyaa spoortidhaan irra jiru gamaaggamuu fi waljijjiirraa muuxannoo waljijjiiruun kaayyoo qophichaati jedhameera.
Naannoon Oromiyaa taphoota manneen barnootaa waliigalaa magaalaa Naqamtee fi shaampiyoonaa dubartootaa magaala Jigjigaatti qophaa’en olaantummaadhan xumuruu waliin walqabatee miira injifannoo keessa ta’uun taphicha gaggeeffamaa jira.
Dorgommiiwwan tiraakii fi kubbaa miillaas steediyeemii haaraa Wallaggaatti kan adeemsifaman ta’a.
 
Comments
Loading...