Fana: At a Speed of Life!

PMNO obbo Lammaa Magarsaa dabalatee hoggantooni federaalaa fi naannichaa magaalaa Adaamaa qulqulleessan

0 252

Finfinnee, Eebila 6, 2011(FBC)-Preezdaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa dabalatee hoggantoonni federaalaa fi naannichaa hawaasa magaalaa Adaamaa waliin ta’uun magaalaa Adaamaa guyyaa har’aa qulqulleessan.

Jiraattonni kunneen waamicha muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dhiyeessan faana bu’uuni duulaan magaalaa isaanii kan qulqulleessan.

Duula hojii qulqulleessuu magaalaa kanarratti preezdaantiin Lammaan ergaa hawaasaaf dabarsaniin, jiraattonni magaalaa Adaamaa waamicha dhiyaate fudhachuun duula kanarratti argamuu isaaniif galateeffataniiru.

Preezdaantichi qulqullina naannoo qofa osoo hin taane hammeenyummaa laphee keessa jirus qulqulleessuun akka barbaachisu dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

Wabii keenya kan ta’e hojii misooma hundaa xiyyeffannoon hojjechuun akka barbaachisus himan.

Uummanni naannichaas tokkummaasaa cimsuu akka qabus obboo Lammaan dhaamaniiru.

Qindeessituun adeemsa hojii qulqullinaa fi magariisummaa magaalaa Adaamaa aadde Tsahaay Geetachoo magaalaa Adaamaa keessatti waldaaleen 134 miseensota namoota 10 ol qaban hojii qulqullina magaalattii idileen hojjechaa akka jiran ibsan.

Waamicha muummeen ministiraa  Dooktar Abiy Ahimad dhiyeessaniinis jiraattonni magaalaattii hundi duulaan naannoo isaanii qulqulleessaa jiru.

Duula qulqullinaa kanaaf kan oolan hartuun kuma 2, konkolaattonni 8, looderri 2 fi Skiippi looderiin 2 fi gandaan 40 akka qophaa’es ibsameera.

Maddi; OBN

 

Comments
Loading...