Fana: At a Speed of Life!

Intalli preezdaantii Ameerikaa Doonaald Traamp; Iivaankaa Traamp daawwannaa hojiif Finfinnee galte

0 222

Finfinnee Eebila 6, 2011(FBC)- Intalli preezdaant Doonaald Traampii fi gorsituun waayit Haawus Iivaankaa Traamp Ityoophiyaatti daawwannaa hojii gaggeessuuf har’a Finfinnee galte.

Turtii Finfinneetti taasistuun muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi preezdaant Saahilwarq Zawdee dabalatee qondaaltota mootummaa ol aanoo biroo waliin akka mari’attus ni eegama.

Hoggantoota siyaasaa, hojii gaggeessitoota dhaabbilee adda addaa, dubartoota dandeettii addaa qabanii fi carraa hojii uuman waliin walarganii akka mari’atanis ibsameera.

Iivaankaa Traamp daawwannaa hojii Ityoophiyaatti taasistutti dabalatee gara Aayvoorii Koostitti imaluun daawwannaa hojii biroo kan taasistu ta’uu Waayit Haawus beeksiseera.

Iivaankaa Traamp turtii Aayvoorii Koostiinis waltajjii dubartoota diinagdeedhan of dandeessisuurratti xiyyeeffatu kan Aayvoorii Koostitti gaggeeffamurratti akka hirmaattu dubbatameera.

Comments
Loading...