Fana: At a Speed of Life!

Fonqolcha mootummaa Sudaan kan hogganan ministirri Raayyaa Ittisaa Sudaan taayitaa gadhiisan.

0 222
Finfinnee, Eebila 5,2011(FBC) –Fonqolcha mootummaa Sudaan kan hogganan ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan; Awaad Ibin taayitaa gadhiisan.
 
Namoonni mormiidhaf addabaaba’iitti hiriira ba’an miseensonni raayyaa ittisaa fonqolchicha duursan namoota preezdaantii duraanii Oomar Hasan Albashiritti dhiyeenya qabaniin mormaniiru.
 
Preezdaantichi Sudaan waggoota 30f kan bulchan yammuu ta’u, dhuma torbee kanaatii jalqabee taayitaarraa buufamuudhan to’annoo raayyaa ittisaa jala oolaniiru.
 
Ministirri raayyaa ittisaa Awaad Ibin Oowf buufata televiizhinii biyyattiitin ibsa laataniin, raayyaan ittisaa waggoota cee’umsaa lamaaf Sudaan kan bulchu ta’uu ibsaniit turan.
 
Preezdaant Oomar Albashir dabalatee, itti aanaan preezdaantii duraanii ministirri raayyaa ittisaa biyyattii fi hoggansi olaanoo biroo akka hidhaman ajajameera.
 
Heerri mootummaa haqamuu, filannoo haqa qabeessii fi demokraatawni akka gaggeeffamu, baatii 3f labsiin yeroo ariifachiisaa labsamuu, raayyaan ittisaa waggootii cee’umsaa 2f biyyattii akka bulchu beeksifameet ture.
 
Namoonni hiriira ba’an raayyaa ittisaarra mootummaan ummataa akka hundaa’u waan barbaadaniif, hiriira gaggeessaa jiran hin dhaabne.
 
Labsiin yeroo ariifachiisaa labsamus namoonni hiriira ba’an labsicha hin kabajne jedhameera.
 
Gamtaan Afrikaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtooman qaamni kamuu walitti bu’iinsarraa akka fagaatu gaafataniiru.
 
Maddi; BBC
Comments
Loading...