Fana: At a Speed of Life!

Baayar Muuniik akkaadaamii kubbaa miillaa Ityoophiyaatti banuufi

0 80
Finfinnee, Eebila 5,2011(FBC)- Kilabiin kubbaa miillaa Jarman; Baayar Muuniik akkaadaamii kubbaa miillaa jalqabaa Ityoophiyaatti banuufi.
 
Kana ilaalchisuudhan Roobii dhuftu istaadiyamii Finfinneetti taboonni kubbaa miillaa kan gaggeeffaman ta’uu kilabichi karaa fuula Feesbuukii isaatin beeksiseera.
 
Kilaboonni guddattootaa 8 waancadhaaf ni tabatu.
 
Kilabichi bakka hoggansi isaa fi Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Ityoophiyaa argamanitti akkaadaamicha ni ebbisiisa.
 
Akkaadaamiin kubbaa miillichaa naannoo kamitti akka banamu garuu hin ibsamne.
Comments
Loading...