Fana: At a Speed of Life!

Agarsiisaa fi baazaariin invastimantii fi daldala tuuriizimii Baahir Daaritti gaggeeffamaa jira

0 70
Finfinnee, Eebila 5,2011(FBC)- Agarsiisaa fi baazaariin invastimantii fi daldala tuuriizimii idil addunyaa magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa jira.
 
Preezdaantiin Waldaa Mana Maree Daldalaa fi Dameewwanii Ityoophiyaa obbo Malaakuu Izazaw akka jedhanitti, qophichi carraa gabaa uumudhaan ala, waltajjii waljijjiirraa muuxannoo fi of beeksisuu ta’eet tajaajila.
 
Agarsiisaa fi baazaaricha Waldaa Mana Maree Daldalaa fi Dameewwanii Ityoophiyaa fi naannoo Amaaraatu qopheesse.
Comments
Loading...