Fana: At a Speed of Life!

Taphni guutuu Oromiyaa 25ffaan Dilbata dhuftu Naqamteetti eegala

0 89
Finfinnee, Eebila 4,2011(FBC)- Taphni guutuu Oromiyaa 25ffaan Dilbata dhuftu; Eebila 6, 2011 godina Wallagga Bahaa magaalaa Naqamteetti eegala.
 
Qophii tapha guutuu Oromiyaaf taasifame ilaalchisee magaalaa Naqamteetti ibsa kan kennan koomiishinarri Koomiishinii Spoortii Oromiyaa obbo Naasir Huseen akka jedhanitti, tapha guyyoota 15f adeemsifamu kana irratti godinaalee Oromiyaa irraa spoorteessitoonni kumni 4 ni hirmaatu.
 
Gosootni dorgommii spoortii 20 ammoo gosoota spoortii spoorteessitoonni itti dorgomanidha.
 
Spoorteessitoota naannoo Oromiyaa ciccimoo adda baasuu, sadarkaa naannon Oromiyaa spoortidhaan irra jiru gamaaggamuu fi waljijjiirraa muuxannoo waljijjiiruun kaayyoo qophichaati jedhaniiru.
 
Naannoon Oromiyaa taphoota manneen barnootaa waliigalaa magaalaa Naqamtee fi shaampiyoonaa dubartootaa magaala Jigjigaatti qophaa’en olaantummaadhan xumuruu waliin walqabatee miira injifannoo keessa ta’uun taphicha gaggeessina jedhaniiru.
 
Bulchiinsa magaalichaa walin ta’uudhan qophiin kan xumurame yemmuu ta’u, ummanni magaalichaa fi naannoo isaas spoorteessitoota akka deeggaruu fi jajjabeessu waamicha dabarsaniiru
 
Dorgommiiwwan tiraakii fi kubbaa miillaas steediyeemii haaraa Wallaggaatti kan adeemsifaman ta’a.
Bizu’aalam Beenyaatu gabaase.
Comments
Loading...