Fana: At a Speed of Life!

Poop Fraansiis hoggantoota Sudaan Kibbaa miilatti kufuun nagaa akka buusan  kadhatan

0 296

Finfinnee, Eebila 4, 2011(FBC)- Phaaphaasii ol  olaanaan Bataskaana  Kaatoliikiii Roomaa Abuna Fraansiis hoggantonni Sudaan lamaan araara akka buusaniif miila isaanii jalatti kufuun kadhataniiru.

Preezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir fi hogganaan  mormaa fi  itti aanaan preezdaantii duraanii Riik Maachiir tibba kana Vaatikaanitti argamuun sirni araaraa gaggeeffameera.

Sirni araarichaas karaa amantaan kan gaggeeffame yoo ta’u, araarichas kan hogganan Poop Fraansiis.

Sirna kanarrattis Poop Firaansiis miila hoggantoota lamaanii irratti kufuun kophee isaanii dhuggachuun Sudaan Kibbaatti atattamaan nageenyi akka bu’u gaaffataniiru.

Miila hoggantootaa jalatti kufuun gaaffiin dhiyeessan onnee isaanirraa kan madde ta’uu dubbataniiru.

Sudaan Kibbaa akka lakkoofsa Faranjootaa bara 2011 Sudaan irraa citee akka biyya tokkootti hundooftuus, akka lakkoofsa Faranjootaa 2013 irraa kaasee lola walii walinii keessa seentee jirti.

Sababa kanaanis  lammiilee kuma 400 lubbuun isaanii kan darbe yoo ta’u, lammiileen miiliyoonatti lakkaa’aman godaansaaf saaxilamaniiru.

Maddi; Niiwyoork Taayiims

 

 

 

 

Comments
Loading...