Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti carraan hojii miiliyoonni 3 uumamuu qaba jedhame

0 111
Finfinnee, Eebila 4,2011(FBC)- Ityoophiyaatti carraan hojii haaraan miiliyoonni 3 uumamuu qaba jedhame.
 
Carraan hojichaa bara 2012tti uumamuu qaba kan jedhame.
 
Manni Maree Carraa Hojii Uumuu Biyyoolessaa yaa’ii idileesaa Waajjira Muummee Ministiraatti gaggeessera.
 
Waltajjii marichaa kan gaggeessan itti aanaa muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnani.
 
Carraan hojii baatii 9tti uumame, rakkoolee mudatanii fi kallattii gara fuula duraarratti mari’atameera.
 
Caasaa federaalaa amma naannoo jiru sirreessudhaan, bara 2012tti carraa hojii miiliyoona 3 uumuun akka barbaachisu eerameera.
 
Gabaasa dhiyaaten yeroo ammaa lammiileen miiliyoonni 10 carraa hojii kan barbaadan ta’uun ibsameera.
Comments
Loading...