Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni oomisha bilbiloota ammayyaa Chaayinaa hundeessaa isaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 35 badhaase

0 285

Finfinnee, Eebila 3, 2011(FBC)-Dhaabbanni oomisha bilbiloota ammayyaa Chaayinaa Zayojoom hundeessaa dhaabbatichaa kan ta’an Liiy Juun Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 35 badhaasuu beeksisee jira.

Dhaabbatichi hundeessaa fi hojii gaggeessaa isaa Liiy Juun badhaasuu kan beeksise yemmuu gabaasa raawwannaa hojii waggaa bara 2018 dhiyeessu ta’uu ibsameera.

Dhaabbatichis Liiy Juun waggoota 8f bu’aan isaan dhaabbatichaaf argamsiisan ol aanaa waan ta’eef gahee isaan bahaniif beekamtii kennuuf kan badhaase ta’uu ibsameera.

Liiy Juun badhaasa isaaniif kenname kana tola ooltummaaf akka oolchaanis beeksisanii jiru.

Teessoo isaa magaalaa Beejjiing kan godhate dhaabbanni oomisha bilbiloota ammayyaa guddaan kun sadarkaa bara 2018 baheen addunyaa irraa sadarkaa 4ffaan xumuruun isaa ibsameera.

Maddi;BBC

 

 

 

Comments
Loading...