Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni  Chaayinaa Aappiil Doolara Ameerikaa miiliyoona 1 burjaajeessuun himataman

0 459

Finfinnee, Eebila 2, 2011(FBC)- Dargaggoonni  Chaayinaa lama barnoota isaanii Ameerikaatti hordofaa jiran dhaabbata Aappiil Doolaara Ameerikaa miiliyoona 1 burjaajeessitaniitu jechuun himataman.

Dargaggoota kanneen irratti himanni kan dhiyaatees gara Aappiil bilibila ismaartii cabaa sobaa eerguun bilbila sirrii fudhataniiru jechuun ta’uu ibsameera.

Dhaabbanni Aappiil maammiltoota bilbiloota oomisha isaa fayyadaman jalaa yemmuu bilbilichi cabu bilbila cabe fudhachuun bilbila biroo fayyaa akka bakka buusuuf ni beekama.

Haaluma kanaan dargaggoonni Chaayinaa kunneenis hojimaata Aappiil kanatti fayyadamuun bilbiloota sobaa cabaa moodeela bilbiloota Aappiilin wal fakkaatuun hojjetame dhaabbatichatti erguun kan dhaabbaticha burjaajeessan jedhameera.

Bilbiloonni sobaa dargaggoonni kunneen gara Aappiilitti ergan  oomisha bilbiloota Aappiil irraa %50n garaa garummaa akka qabus dhaabbanni Aappiil beeksiseera.

Dargaggoonni Chaayinaa lameen kunneen bilbiloota sobaa haayfoonii cabaa Chaayinaa irraa fuusisuun bilbiloota Aappiilii sirriin kan jijjiiran yoo ta’u, bilbiloota haaraa kanas gara Chaayinaatti deebisanii erguun gatii mi’aan akka gurguranis ibsameera.

Dhaabbanni Aappiil akka ibseetti, dargaggoonni lameen bilbiloota sobaa dhaabbatichatti eerganiin gara Doolaara Ameerikaa miiliyoona 1 dhabuu beeksiseera.

Dargaggoonni Chaayinaa lameenuu bilbiloonni kunneen bilbiloota sobaa ta’uu wanti beeknu hin jiru jechuunis dubbataniiru.

Maddi፦ www.bbc.com

 

Comments
Loading...