Fana: At a Speed of Life!

Koloneel Atleet Daraartuu Tulluu Meedaaliyaa kabajaa badhaafamte

0 114

Finfinnee, Bitootessa 27, 2011(FBC)- Koloneel Atleet Daraartuu Tulluu Meedaaliyaa kabajaa Waldaa Federeeshinii Atleetiksii Idil Addunyaan badhaafamte.

Waldaan Federeeshinii Atleetiksii Idil Addunyaa dorgommii qaxxaamura biyyaalessaa idil addunyaa 43ffaarratti atleetota bebbeekkamoo duraanii  afferuun baadhasa meedaaliyaa kabajaa badhaasee jira.

Atleetonni kunneenis seenaa waldichaa keessatti atleetota seenaa boonsaa hojjechuun shoora guddaa bahaniidha.

Atleetota kanneen keessaa koloneel Daraartuu Tulluu dorgommii qaxxaamura biyyaalessaa idil addunyaa irratti seenaa hojjechuun kan isheen gitu hin jirus jedhameera.

 

Comments
Loading...