Fana: At a Speed of Life!

Federeeshinichi kilaboota taphoota isaanii  reediyoo fi teelevizhiniin dabarsan adabuufi

0 208

Finfinnee, Bitootessa 27, 2011(FBC)-Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa dorgommii isa jalatti gaggeeffamu kamiiyyuu kilaboota taphoota isaanii heeyyama malee tamsaasa kallattiin reediyoo fi teelevizhiniin dabarsan irratti adabbii kan dabarsu ta’uu beeksiseera.

Ibsi federeeshinichi baase akka mul’isuutti taphoota beekamtii isaan gaggeeffaman kamiiyyuu tamsaasa kallattiin reediyoonis ta’ee teelevizhiniin dabarsuun dhoorkaa ta’uu hubachiiseera.

Dhaabbileen reediyoo fi teelevizhinii taphoota tamsaasa kallattiin dabarsuu barbaadan yoo jiraatanis heeyyama federeeshinicha irraa fudhachuu akka qabanis ibseera.

Heeyyama malee qaamolee taphoota federeeshinichi gaggeessu tamsaasa kallattiin dabarsan irratti tarkaanfii seera qabeessaa kan fudhatu ta’uu odeeffannoon Sookar Ityoophiyaa irraa arganne ni mul’isa.

 

Comments
Loading...