Fana: At a Speed of Life!

Eekwaadoor Juuliyaan Asaanjee imbaasii isheetii baasufi

0 106
Finfinnee, Bitootessa 27, 2011(FBC)- Eekwaadoor hundeessaa Wiikiliiks Juuliyaan Asaanjee imbaasii isheetii baasufi.
 
Biyyattiin Juuliyaan Asaanjee imbaasii isheetii baasuuf kan dirqamte waraqaalee odeeffannoo INA hordofeeti.
 
Odeeffannoon waraqaa INA malaammaltummaa preezdaantii Leeniin Mooreenoo saaxileera.
 
Sanadni gadhiifames seera baastota Eekwaadoor qaqqabeera jedhameera.
 
Wiikiliiks suuraalee dhuunfaa preezdaantichaas miidiyaalee hawaasummaadhan gadhiisuun ibsameera.
 
Kun ammoo Juuliyaan Asaanjeen dhimma keessoo Eekwaadoor keessa akka hin seenne waliigaltee gale cabseera isa jechisiisera.
 
Juuliyaan Asaanjeen bara Faranjootaa 2012 eegalee imbaasii Eekeaadoor Landan keessa tureera.
 
Maddi; Aljaziiraa
Comments
Loading...