Fana: At a Speed of Life!

Zaambiyaatti abbootin daa’imman bultii isaanin ala dhalchaniif eeyyama da’umsaa argachuu hin qaban jedhame

0 380

Finfinnee, Bitootessa 24, 2011(FBC)-Waldaan hojjetootaa Zaambiyaa mootummaan eeyyama da’umsaa abbummaa dhiirotaaf kennu irratti daangaa akka itti godhu gaafate.

Waldichi gaaffii isaas kan dhiyeesse dhiironni haadha manaa kiyya jedhanii dubartii galmeesisaanin alarraa daa’imman dhalchaniif eeyyama akka hin arganneef yaadameeti jedhameera.

Federeeshiniin Hojjetootaa Zaambiyaa Kaayyoon kana gaaffateef eeyyama da’umsaa dhiironni fudhatan daangeessuufi jedhameera.

Dura bu’aa waldichaa kan ta’an Hariingiteen Chibaand akka jedhanitti, dhiirri fuudhe tokko eeyyama abbummaa hammam fudhachuu akka qaburratti daangaan godhamuu akka qabuS hubachiisaniiru.

Yaadni waldichaa fudhatama argatee yoo ragga’e dhiironni hin fuune eeyyama hin argatan jechuudha.

Maddi; BBC

Comments
Loading...