Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaatti kilaashiin balali’aa dhukaasu hojjatame

0 1,328

Finfinnee, Bitootessa 23, 2011(FBC)-Dhaabbanni waraanaa Raashiyaa kilaashii balali’aa dhukaasu hojjechuu isaa beeksiseera.

Kilaashiin balali’aa dhukaasu kun rasaasni isaa qilleensa irra daqiiqaa 40f dandeettii turuu qabas jedhameera.

Kilaashiii balali’aa dhukaasaa kiiloogiraama 23 ulfaatu kanaaf waggaa darbe mirgi abbaa oomishummaa kennameefii ture.

Mooskoo dhaabbata Avyeeshinii keessatti meeshicha diizaaynii kan godhe namtichi kun kilaashii balali’aa dhukaasu oomishuun isaa kaayyoo isaa galmaan gahuu danda’uu ibseera.

Dhaabbanni Avyeeshinichaa  meeshichi aggaammii yeroo duraaf qole irra deebiin ofii isaaf argachuu kan danda’uus ta’uu ibseera.

Meeshicha ilaalchisee suuronni sochootuu kan gadhiifaman yoo ta’u, haala walfakkaatuun balali’aa yemmuu dhukaasu mul’ateera.

Meeshichi oomishamuun walqabatee dhaabbilee miidiyaalee  dabalatee namoonni adda addaa sodaa qaban ibsataniiru.

Maddi፦ Mooskoo Tyiims

 

Comments
Loading...