Fana: At a Speed of Life!

Tigraay godina Bahaatti balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 14 darbe

0 289
Finfinnee, Bitootessa 11,2011(FBC)- Naannoo Tigraay godina Bahaatti balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 14 darbe.
 
Balichi kaleessa aanaa Gaantaa Afashuum buufata Azabaatti kan mudate yammuu ta’u, namoota lubbuu isaanii dhaban 14n ala, namoonni 15 cimaa fi salphaa madaa’aniiru.
 
Miidhamtoonnis Hoospitaala Aaddegiraatitti deeggarsa yaalaa argachaa jiru.
 
Daa’imman lama miidhaa tokko malee balicha jalaa ba’uu danda’aniiru.
 
Konkolaataan geejiba ummataa kun namoota 31 fe’ee magaalaa Addegiraatii gara buufata Azabaatti imalaa ture.
 
Poolisiin Tiraafikaa aanichaa akka beeksisetti sababiin balichaa qoratamaa jira.
Comments
Loading...