Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa Warshaa Simiintoo Abbaayif dhakaan bu’uuraa kaa’ame

0 256
Finfinnee, Bitootessa 11, 2011 (FBC)- Ijaarsa Warshaa Simiintoo Abbaayif dhakaan bu’uuraa kaa’ame.
 
Warshichi proojaktoota jajjaboo Waldaan Aksiyoona Misooma Indaastirii Abbaay ijaarsisuuf karoorfate keessaa isa tokkodha.
 
Dhakaan bu’uurichaas preezdaantii naannoo Amaaraa Dooktar Ambaachaw Makoonnan dabalatee hoggansi biroo bakka argamanitti godina Goojjaam Bahaa aanaa Dajanitti kaa’ameera.
 
Ijaarsichi baatii 24 kan fudhatu yammuu ta’u, baatiiwwan 28 keessatti oomisha yaalii ni eegala.
 
Warshichi Birrii biiliyoona 8.8n kan ijaarramu yammuu ta’u, lammiilee 1500f carraa hojii ni uuma jedhameera.
 
Guyyaatti simiintoo toonii kuma 5, waggaatti simiintoo toonii miiliyoona 2.25 oomishaan itti abdatameera.
Comments
Loading...