Fana: At a Speed of Life!

Taphni dubartootaa Ityoophiyaa 3ffaan ol aantummaa Oromiyaan xumurame

0 216

Finfinnee, Bitootessa 8, 2011 (FBC)- Taphni Ispoortii dubartootaa Ityoophiyaa 3ffaan Gurraandhala 28-Bitootessa 8 bara 2011tti magaalaa Jigjigaattii dorgoomamaa tureen Naannoon Oromiyaa ol aantummaan wal dorgoommicha xumuree jira.

Dorgoommii kanarratti Naannoon Oromiyaa tapha oloompikiin maadaaliyaa 31, paaraa oloompikiin maadaaliyaa 37 fi tapha oloompikii garee gurraan hin dhageenyeen ammoo maadaaliyaa 18 argachuun waldorgoommicha injifatteetti.

Sirna cufinsaa waldorgoommii ispoortii dubartootaa kana irratti Koomishinara Itti Aanaa Koomishiinii Ispoortii Federaalaa Obbo Geetaachoo Baalchaa fi Koomishinara Koomishiinii Ispoortii Oromiyaa Obbo Naasir Huseen dabalatee hoggantoonni fi bakka bu’oonni ispoortii naannoolee fi federaalaa argamaniiru

Comments
Loading...