Fana: At a Speed of Life!

Muummeen ministiraa Dr Abiy Ahimad  buqqaatota Geede’oo daawwatan

0 153

Finfinnee, Bitootessa 8, 2011 (FBC)- Muummeen ministiraa  Ityoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad godina Geede’oo aanaa Gadabitti argamuun buqqaatota buufata yeroo keessatti argaman daawwataniiru.

Muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad bakka bu’oota buqqaatota Geede’oo waliin dhimmoota adda addaarrattis marii’ataniiru.

Mariichaanis buqqaatonni naannawichatti argaman komii isaanii muummee ministiraaf dhiyyeessaniiru.

Walitti bu’iinsa baatiiwwaniin dura godina Gujii Bahaa, Lixaa fi Geede’ootti mudatee tureen lammiileen hedduun manaa fi qabeenya isaanii irraa buqqa’uun ni yaadatama.

Mootummaan buqqaatota godina Geede’oof dhaabbilee deeggarsaa waliin ta’uudhaan deeggarsa hatattamaa gochaa akka jiru Waajjirri Muummee Ministiraa guyyaa kaleessaa beeksisee ture.

Salaamaawiit Kaasaatu gabaase

 

Comments
Loading...