Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuurzimii Dooktar Hiruut Kaasaaw adeemsa suphii’insa Aalfaa Vilaan daawwatan

0 105

Finfinnee, Bitootessa 8, 2011 (FBC)- Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuurzimii Ityoophiyaa Dooktar Hiruut Kaasaaw adeemsa suphii’insa gaalaarii aartii fi mana jireenyaa kabajamaa Looreetii Idil Addunyaa Meetiir Artiisti Afawaarqi Taklee daawwatan.

Sirna daawwii kanaa irratti Dooktar Hiruut Kaasaaw adeemsi haaromsa hojii suphii’insa kanaa faaraan walxaxaa ta’uu fi ogummaa baay’een kan ijaarame ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis hojiin suphii’insa kanaa ogummaa aartistichaa, kabaja aartistichaa fi sadarkaa yaada isaanii bifa eegateen hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Dhummarrattis Dooktar Hiruut hojiin suphii’insa kanaa gutumaa guutuutti bara dhuftu xumuramee ummataaf banaa akka ta’us ibsaniiru.

Comments
Loading...