Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee carraa hojii dargaggootaaf fandii Birrii biliyoona 2 murteesse

0 124

Finfinnee, Bitootessa 8, 2011 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee carraa hojii dargaggootaaf uumuuf kan oolu fandii Birrii biliyoona 2 murteesse.

Kaabineeni bulchiinsa magaalaattii walgahii guyyaa har’aa gaggeesseeni fandii liqii naannawaa carraa hojii dargaggootaaf uumuu kan dandeessisu sanda ragaa dhiyaate irratti marii’achuun murteessera.

Odeeffannoon waajjira kaantibaa irraa arganne akka mul’isutti, bu’uura kanaan karoora qopheessuun erga dargaggoota waliin mariin bal’aan irratti taasifamee waliigalamee booda dargaggoonni gosa hojii adda addaan hojiitti akka galan kallattiin ka’aamuudha.

Ragaaleen adda addaa magaalaattii keessa dargaggoonni hojii dhabeeyyii kuma dhibba 7 ol jiraachuu kan mul’isan yoo ta’u, fandiin liqii naannawaa Birrii biliyoonni 2 ramadame kun lakkoofsa hojii dhabeeyyii hir’isuu fi diinagdee magaalaatti guddisuuf gahee ol aanaa akka qabu ni eegama.

Comments
Loading...