Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa seeraan ala Saawd Arabiyaa jiraachaa turan biyyatti deebi’an

0 167

Finfinnee, Bitootessa 8, 2011 (FBC)-Lammiileen Ityoophiyaa Saawd Arabiyaa keessa eeyyama malee jiraachaa turan kan lakkoofsan kuma1 fi dhibba 8 ta’an gara Ityoophiyaatti deebi’uu danda’aniiru.

Mootummaan lammiilee Ityoophiyaa eeyyama jireenyaa malee jiraachaa turan kuma 1 fi dhibba 8 marsaa 4n Bitootessa 4-8 2011tti gara biyyaatti akka deebi’an taasiseera.

Hojii kana keessatti mootummaan Saawd Arabiyaa fi Dhaabbanni Baqaatoota Idil Addunyaa deeggarsa taasisuufii odeeffannoon  Imbaasii Ityoophiyaa Saawd Arabiyaa jiru irraa arganne ni mul’isa.

Comments
Loading...