Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee torbee darbe balaa xiyyaaraan lubbuu isaanii dhabaniif sirni gaggeessaa taasifameef

0 200

Finfinnee, Bitootessa 8, 2011 (FBC)- Lammiilee torbee darbe xiyyaarri Booyiing 737 Maaks 8 kufee caccabee lubbuu isaanii dhabaniif sirni gaggeessaa Bataskaana Qiddisti Silaaseetti taasifameef.

Lammiilee balichaan lubbuu isaanii dhabaniif ganama suphii iddoo maatiin isaanii, qondaaltonni mootummaa ol aanoo fi abbootiin amantaa argamanitti sirni gaggeessaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti taasifameefira.

Sirna gaggeessichaa irrattis walitti qabaan boordii daandii qilleensichaa obbo Abbaa Duulaa Gammadaa, itti aanaa walitti qabaa boordii daandii qilleensichaa Dooktar Arkabee Iqubaay, ministirri maallaqaa obbo Ahimad Shidee fi qondaaltonni mootummaa kanneen biroo argamuun hidhaa abaaboo ol ka’aaniiru.

Comments
Loading...