Fana: At a Speed of Life!

Waldorgommiin  biiskileetii Afrikaa Bahiir Daaritti eegalame

0 58

Finfinnee, Bitootessa 6, 2011 (FBC)- Waldorgommiin  chaampiyoonii biiskileetii Afrikaa 14ffaa magaalaa Bahiir Daaritti eegalame.

Waldorgommii biiskileetii garee kiilomeetira 15 dheeratu dubartoonnii Ityoophiyaa fi Ertiraa qofti irratti hirmaataniin ol aantummaa dubartoota Ityoophiyaan xumurameera.

Waldorgommichaan Ityoophiyaanonni madaaliyaa Warqee kan argatan yoo ta’u, Ertiraanonni immoo madaaliyaa Birrii fudhachuu danda’aniiru.

Yeroo ammaa kana immoo Waldorgommiin biiskileetii garee dhiirotaa kiilomeetira 30 dheeratu kan biyyoonni shan keessatti hirmaatan gaggeeffamaa jira.

Biyyoonni waldorgommiicha irratti hirmaatan  Ityoophiyaa, Ertiraa, Afrikaa Kibbaa, Ruwaandaa fi Gibtsi ta’uu Dhaabbanni Sabqunnamtii Amaaraa gabaseera.

 

Comments
Loading...