Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Sochii Bilisummaa Gaambeellaa fi Afaar waliin waliigaltee araaraa mallatteesse

0 81
Finfinnee, Bitootessa 6,2011(FBC)-Mootummaan Ityoophiyaa Sochii Bilisummaa Gaambeellaa fi Afaar waliin waliigaltee araaraa mallatteesse.
 
Jaarmiyaalee siyaasaa lamman waliin waliigalteerra kan ga’ame marii kaleessa magaalaa Asmaraatti taa’ameeni.
 
Waliigalticharrattis ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Injiinar Ayshaa Mahaammad, preezdaantii naannoo Afaar obbo Usmaan Mahaammad Humadaa, preezdaantii naannoo Gaambeellaa obbo Umad Ujuluu, Eertiraatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Reedwaan Huseenii fi bakka buutonni jaarmiyaalee lamaanii argamaniiru.
 
Akkaataa waliigaltichaatin jaarmiyaaleen kanneen gara biyyaa galanii nagayaan kan qabsaa’an ta’a.
Comments
Loading...