Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Galiiwwanii Gurraandhalaa keessa galii Birrii biiliyoona 17 ol sassaabuu beeksise

0 208
Finfinnee, Bitootessa 6,2011(FBC)- Ministeerri Galiiwwanii baatii Gurraandhalaa darbe keessa galii Birrii biiliyoona 17 ol sassaabuu beeksise.
 
Ministirri Ministeera Galiiwwanii aadde Adaanach Abeebeen akka beeksisanitti, baatii Gurraandhalaa darbe keessa maddoota galii addaddaarraa galiin Birrii biiliyoona 17 olii sassaabbameera.
 
Raawwiin kunis baatii walfakkaataa bara darbeerra guddina %51 agrsiisera.
 
Galichis taaksii biyya keessaa fi taaksii daldala alaarraa kan argamedha.
 
Gurraandhala keessa taaksii biyya keessaarraa Birrii biiliyoonni 10.6, taaksii fi qaraxa daldala alaarraammoo Birrii biiliyoonni 7.3 argameera.
Comments
Loading...