Fana: At a Speed of Life!

Karoorri nageenya fayyaa biyyoolessaa ifoome

0 138
Finfinnee, Bitootessa 6,2011(FBC)-Karoorri nageenya fayyaa biyyoolessaa Ityoophiyaa waggoota 5 ifoome.
 
Karoorri fayyaa Ityoophiyaa waggoota 5f hojiirra oolu kun Sadaasa bara 2009 eegalee qophaa’aa tureera.
 
Karoorichis har’a bakka qooda fudhattoonni argamanitti galma Gamtaa Afrikaatti ifoomera.
 
Karoora qabame galmaan ga’uudhaf Birrii biiliyoona 10 oltu barbaachisa.
 
Maallaqichas mootummaa Ityoophiyaa fi dhaabbilee deeggarsaatu danda’a.
 
Karoorri nageenya fayyaa kun amma bara Faranjootaa 2023tti hojiirra oola.
Comments
Loading...