Fana: At a Speed of Life!

Itti aanaan muummee ministiraa Dammaqaa Makoonnan bakka bu’oota loltoota karraamarraarratti hirmaatanii dubbisan

0 138

Finfinnee, Bitootessa 6, 2011 (FBC)- Itti aanaan muummee ministiraa Dammaqaa Makoonnan bakka bu’oota misneensota loltoota duraanii waraana Karraamarraa irratti hirmaatanii dubbisan.

Miseensonni waraanichaa ijifannoon Karraamarraa ijifannoo Adawaa lammataa waan ta’eef mootummaan xiyyeeffannoo seenaa barbaachisaa fi ulfina akka kennuuf gaaffataniiru.

Mariicha irratti itti aanaan ministiraa Dammaqaa Makoonnan seenaa biyyattii dhaloota haaraa hubannoo qabsiisuu fi barsiisuuf seenicha irratti qorannoo barbaachisaa gochuun qabiyyee guutuun dhiyyeessuun barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru.

Akka ibsa itti aanaa ministiraa Dammaqaa Makoonnanitti, gaaffiin ijifannoo Karraamarraaf xiyyeeffannoon seenaa fi ulfinni yaa kennamu jedhu fudhatama akka qabu kaasaniiru.

Dhumarraattis itti aanaan ministiraa  dhaloota haaraa biyya dursanii fi tokkummaa biyyaaf dhaabbatan horachuuf miseensonni waraanaa lola karraamarraa irratti hirmaatanii muuxannoo qaban dhaloota haaraaf qooduu akka qaban waamicha dhiyyeessaniiru.

Mariicha irratti qondaaltonni waraanaa yeroo sana itti gaafatamummaa adda addaa irra turan kanneen akka Meejer Jeneraal Mardaasaa Leellisaa. Biirgadeer Jeneraal Masfiin Haayilee, Biirgadeer Jeneraal Kaassayee Camadaa, Biirgadeer Jeneraal Waasihuun Nigaatuu fi Shaalaqaa Shifarraaw Wandimaagaany hirmaachuu isaanii ragaan waajjira itti aanaa muummee ministiraa irraa arganne ni mul’isa.

 

 

 

Comments
Loading...