Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Taakkalaa Uumaan bakka buutota dhaabbilee Faransaay waliin mari’atan

0 97
Finfinnee, Bitootessa 6,2011(FBC)-Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan bakka buutota dhaabbilee Faransaay waliin mari’atan.
 
Bakka buutonni kanneen preezdaantii Faransaay Eemaanu’eel Maakroon waliin ture gara Ityoophiyaa kan dhufan.
 
Jilli kun dhaabbilee invastimantii jajjaboo fi faaynaansii Faransaay kan bakka bu’udha.
 
Dhaabbileen kanneen ijaarsa magaala ammayyaa, geejiba, teeknooloojii, dhiyeessii bishaan dhugaatii, oolmaawwan ispoortii fi damee barnootaarratti akkaataa invast itti gochuu danda’anii fi deeggarsa faaynaansii taasisanirratti itti aanaa kantiibaa Injiinar Taakkalaa Uumaa waliin mari’ataniiru.
 
Injiinar Taakkalaan jireenya jiraattota magaalichaa jijjiiruuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Dhaabbileen Faransaay hojiilee misoomaa Finfinnee keessatti hojjetaniif bulchiinsi magaalichaa tumsa barbaachisaa mara kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
 
Dhimmoonni mariidhan irratti waliigalame hojiirra akka oolanis koreen hundaa’era.
Comments
Loading...