Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa Niiw Zilaandin lubbuun namoota hedduu darbe

0 418

Finfinnee, Bitootessa 6, 2011 (FBC)-Haleellaa Niiw Zilaand magaalaa Kraayistcharch keessatti masgiidota lama irratti dhaqqabeen namoonni hedduun miidhamuu poolisiin biyyattii beeksiseera.

Balichaan hanga ammaatti namoonni 40n du’uun isaaniis ibsameera.

Balaa dhaqqabeen wal qabatee muummeen ministiraa Niiw Ziilaand Jakiindaa Ardern guyyaan har’aa Niiw Ziilaandiif guyyaa gurraacha jechuun gadda isaanitti dhaga’ame ibsataniiru.

Haleellaa kanaan walqabatee dhiroonni 3 fi dubartoonni 3 to’aannoo jala oolfamuu isaanii koomiishinarri poolisii Maayik Buush ibsaniiru.

Namoonni haleellicha ijaan argan akka ragaa bahanitti, lubbuu isaaniif sodaatanii baqachuu isaanii fi Maskiida Al Nuur duratti balaa dhaqqabeen namoota lafatti kufanii dhiigaa turan arguu isaanii dubbataniiru.

Qondaaltonni biyyattii hanga haalli nageenyaa tasgabba’uutti masgiidonni magaalittii hundii fi manneen barnootaa magaalittiti argaman hundi akka cufamuu qaban murtii dabarsaniiru.

Haleellichaan walqabatee hanga ammaatti qaamni itti gaafatamummaa fudhate akka hin jirre maddeen odeeffannoo adda addaa gabaasaa jiru.

Maddi; BBC

 

 

 

 

 

 

 

 

Comments
Loading...