Fana: At a Speed of Life!

itti aanaan preezdaantii Suudaan gadda isaanitti dhaga’ame ibsachuuf Finfinnee galan

0 142

Finfinnee, Bitootessa 5, 2011 (FBC)- Itti aanaan preezdaantii Suudaan Osmaan Mahammeed balaa xiyyaarri Ityoophiyaa kufee caccabee geessiseen gadda isaanitti dhaga’ame ibsachuuf har’a Finfinnee galan.

Itti aanaan muummee ministiraa Dammaqaa Makoonnan itti aanaan preezdaantichaa wayita Buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan simannaa taasisaniifiru.

Dabalataanis muummeen ministiraa Dammaqaa Makoonnan itti aanaa preezdaantichaa waajjira isaanitti dhimmoota adda addaarratti mariisisaniiru.

Itti aanaan preezdaantii Osmaan Mahammeed Finfinnee kan dhufanis xiyyaarri Booyiing 737 Maaks 8 qabeenyummaan isaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa ta’e sababa kufee caccabee balaa geessiseef gadda ummata Suudaanii fi mootummaa Suudaanitti dhaga’ame ibsuuf kan dhufan ta’uu ragaan waajjira itti aanaa muummee ministiraa irraa arganne ni mul’isa.

 

 

Comments
Loading...