Fana: At a Speed of Life!

Taphoota Chaampiyoonsi Liigii Aworooppaan Liveerpuulii fi Baarseeloonan marsaa itti aanutti darban

0 156

Finfinnee, Bitooteessa 5, 2011 (FBC)- Taphoota Chaampiyoonsi Liigii Aworooppaa kaleessa galgala gaggeeffameen Liveerpuulii fi Baarseeloonan gitoota isaanii moo’achuun gara nuusa xumuraatti  darban.

Tapha Chaampiyoonsi Liigii Aworooppaan Liveerpuul dirree isaarratti kilaba Jarman Baayeer Muuniik waliin qixa bahee turus, dirree isaan alatti garuu tapha deebii kaleessa gaggeeffameen gara Jarman imalee Baayeer Muuniik 3 fi 1 moo’achuun marsaa itti aanuuf gaheera.

Taphatoonni Liveerpuuliif goolii lakkoofsisan Seedoo Manee goolii 2 fi Van Dayiik immoo 1 galchuu danda’aniiru.

Goolii Baayeer Muuniik moo’atamuu jalaa hin baraare 1 immoo ofirratti kan galche taphataa sarara ittisaa Liveerpuul Maatipiidha.

Tapha biroon immoo dirree isaa Nukaapirratti  kilaba Faransaay Liyoon kan keessumeesse Baarseeloonan qabxii bal’aa 5 fi 0 moo’achuun gara nuusa xumuraatti darbuu danda’eera.

Maddi; BBC

Comments
Loading...