Fana: At a Speed of Life!

Sanadni waadaa hojimaata paartilee siyaasaa mallattaa’e

0 140
Finfinnee, Bitooteessa 5, 2011 (FBC)- Sirni mallattoo sanada waadaa hojimaata paartilee siyaasaa har’a gaggeeffameera.
 
Sanada waadaa hojimaata waloo paartilee fi dhaabbileen siyaasaa kana paartileen 107 mallatteessaniiru.
 
Sirnicharrattis hoggansi paartilee hundaa argamaniiru.
 
Dura taa’aan ADWUI fi muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadis ADWUI bakka bu’uudhan sanadicha mallatteessaniiru.
 
Sanadichi hariiroo paartileen siyaasaa qindoominaanis haa ta’u dhuunfadhaan uumanirratti xiyyeeffata.
 
Jaarmiyaaleen siyaasaa kanaan dura sanadicharratti si’a 2 kan mari’atan yammuu ta’u, sanadichi keeyyattoota 20 qaba.
 
Jaarmiyaalee siyaasaa sanadicha mallatteessan 107 keessaa 66 beekamtii kan argatan yammuu ta’u, kaan ammoo adeemsarra jiru.

Comments
Loading...