Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Doonaald Traamp xiyyaaronni Booyiing 737 Maaks tajaajila balalii akka dhaaban ajajan

0 247
Finfinnee, Bitooteessa 5, 2011 (FBC)-Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp xiyyaaronni Booyiing 737 Maaks hundi tajaajila balalii akka dhaaban ajaja dabarsan.
 
Dilbata darbe naannoo Shawaa Bahaa aanaa Gimbichuutti xiyyaarri Daandii Qilleensa Ityoophiyaa Booyiing 737-8 Maaks kufee caccabuudhan lubbuun namoota keessa turanii 157 ega darbeen booda xiyyaaricharratti shakkii uumameeni preezdaantichi ajaja kan dabarsan.
 
Preezdaant Doonaald Traamp ajajichaan xiyyaaronni Booyiing 737 Maaks 8 fi 9 balalii akka dhaaban ajajaniiru.
 
Ajajichis nageenya lammiilee Ameerikaa fi ummata addunyaatif xiyyeeffannaa laachudhaan kan dabarfame jedhameera.
 
Aviyeeshiniin Federaalaa Ameerikaatis xiyyaarichi tajaajila akka dhaabuu fi daangaa naannoo qilleensaa biyyattiirra akka hin balaliine ajajeera.
 
Aviyeeshinichi odeeffannoo bakka xiyyaarri Dilbata darbe itti caccabee fi ragaa saatalaayitiirraa argateen murticharra qaqqabuu beeksiseera.

 

Kanarraa ka’uun dhaabbanni Ameerikaa xiyyaara oomishu Booyiingis xiyyaaronni isaa Booyiing 737 Maaks 8 fi 9 jedhaman idil addunyaarratti argaman kan baay’inaan  371 ol ta’an akka hin balaliine ajaja dabarseera.

 

Amma ammaattis Ityoophiyaa, Ameerikaa, Chaayinaa, Briitaaniyaa, Faransaay, Jarman, Awustiraaliyaa, Hind, Gamtaa Awrooppaa, Braaziil, Noorweey, Indoneezhiyaa fi Maaleezhiyaan xiyyaarichi tajajaila akka dhaabu murtee dabarsaniiru.

 

Lakkoofsi biyyoota xiyyaara kana balallii dhoorkaniis 50 ol gahuu dubbatamaa jira.
 
Maddi; www.aljazeera.com
 
Comments
Loading...